• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Hawwii Guddinaatti murni Bilxiginnaa haala ittiin hawaasa miidhan irratti waliin mari’achaa turuun himame

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Aanaa Hawwii Guddinaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma amala isaanii haala ittiin hawaasa Oromoo miidhuu danda’an irratti guyyaa guyyaan wal mari’achaa kan ooluun,  kaabinoonni aanichaa hundi walitti qabamuun dararaa ulfaataa hawaasa irratti raawwachuuf tooftaa baafachuu maddeen itti dhiheenyaan iccitii marii kanaa hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Torban darbe keessa bulchituun godina Harargee Lixaa Ekraam Xahaa, dubartii Masarat jedhamtu waliin aanicha dhaquu ishee hordofee, icciitiin saamichaa hammaataa jaleewwan Bilxiginnaa aanicha keessatti raawwatan hawaasaan waan saaxilameef, haaloo kanaa ba’uuf jecha tumsa dabaa hawaasa irratti tumachuun isaanii saaxilamee jira.

Kaabinoonni kunneen marii isaanii keessatti, “namoota bulchiinsa godinaatti nu saaxilan rasaasaan dhoofnee ajjeefnee, alaabaa WBO itti uwwisuun, miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ajjeefne jennee haaloo keenya ba’anna” jechuun hawaasa meesha maleessa irratti dhaadachaa turuu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni ifoomsa.

Murni Bilxiginnaa namoota isaan irratti gaaffii kaasanii fi saaxilan si ajjeesnee WBO’tu ajjeese jennaa fi akkasis gochaa turuniis kan beekamu yoo ta’u, hojjetaa mootummaa aanaa Daaroo Labuu hojii sobaa bulchiinsi aanichaa raawwate saaxile maqaa kanaan doorsisanii turuu miidiyaan isaanii iyyuu ragaa ba’ee ture.

Lukkeeleen maafiyaan impaayerattii addatti diinomfannaa hawaasa Oromoo irraa qabaniin, gama isaaniif danda’ame maraan daba irratti hammeessuu kaayyoo jalqabaa taasifatanii socho’aa kan jiran, yeroo qaban gara caalu haala ittiin hawaasa Oromoo miidhan irratti guyyaa guyyaan mari’atanii karoorsuun, sanas hojiitti hiikanii hawaasa ittiin dararuu irratti argamu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading