ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo keessatti Bitootessa 16, 2025 irraa eegaluun bifa haaraa ta’een irra deebiin jaleewwan Bilxiginnaa maqaa misooma Koriidarii jedhuun daandii xixiqqaa keessoo magaalaa dhiphistan jechuun manneen uummataa hedduu beenyaa tokko malee diiganii mancaasaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, maashinii daandii kana sirreessuuf boba’aa guutuu qabdu jechuunis nama tokko irraa gatii boba’aa qarshii 500 nagahee tokko malee dirqamaan funanaa kan jiran yoo ta’u, uummannis gaaffii akka hin gaafanneef sobanii galmee xiqqaa irratti maqaa isaanii galmeessaa jiru.
Dabalataanis, manneen daldalaa fi jireenyaa halluu wal wal fakkaataa dibuu qabdu jedhamuunis jiraattonni humnaa ol dararamaa kan jiran yoo ta’u, “hin dibdan yoo ta’e ammoo isin irratti saamsina (cufna)” jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.


