ONM-ABO Bitootessa 21, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee jedhamutti Bitootessa 17, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Warqiisaa Dikkoo,
- Daa’ima isaa kan ta’e, Lammii Warqiisaa,
- Barattuu kutaa 7’ffaa kan taate Leensee Kabbadee,
- Obbo Hinsarmuu Gannatii fi
- Obbo Mokonnon Garbaa
kanneen jedhaman loltoonni Koloneel Abiy Ahimed badii tokko malee qe’ee isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun bakka tokkotti jumlaan ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, yerooma wal fakkaataatti Obboleessa Warqiisaa Dikkoo kan ta’e, Obbo Kabbadee Dikkoo fi ilma isaa Eliyaas Dikkoo ammoo madoo ulfaataa madeessuun yeroo ammaa kana mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun gabaasanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namootni duguuggaan sanyii ergamtoota sirnichaan irratti raawwatame kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, loltoonni sirnichaa guyyaa kana gandicha keessatti tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo isaan irratti fudhate dheessanii of duuba deebi’uun hawaasa meesha maleeyyii kanneenitti haaloo ba’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.


