• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko WBO’tti makame

Mar 22, 2025

ONM-ABO Bitootessa 20, 2025 

Miseensa loltuu murna Bilxiginnaa kan ta’e hammeenyummaa fi jibba gareen faashistii PP hawaasa Oromoo irratti taasisu hubachuun mooraa balfamaa dhiiga lammiilee qulqulluun faalame utubee hawaasan irraa dhaladhe irratti daba seenaa hin raawwadhu jechuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu irraa qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti makamuu maddeen WBO gamasii ONM’f eeraniiru.

Loltuun sirna Bilxiginnaa duraanii kunis qawwee AKM 1, rasaasa 60 fi gumbii 3 qabachuun mooricha keessaa kan ba’e oggaa ta’u, dhiibbaan loltoota Bilxiginnaa kanneen fedhii fi ergama koloneel Abiy Ahimed raawwachuuf ifaajaniin halkanii fi guyyaa uummata Oromoo irra ga’aa jiru jibba sanyummaa ta’uu isaas hubadheera, waraanni akka kiyya osoo hin beekinis ta’e osoo beekanii sirnicha tajaajilaa jiran cuftuu gara jabummaa haadhaa fi abbaa keenya akkasumas obboleeyyan keenya irratti sirnichi raawwachaa jiru godaannisa seenaa ta’uu hubachuun yeroon gara qabsoo haqaatti dabalamuun dirqama Oromummaa keenya haa ba’annu jechuun ergaa dabarsee jira.

Seenaa impaayera Itiyoophiyaa keessatti lolli humnoonni waraanaa maqaa eegumsaa fi nageenya uummaataa kabachiisuun taasisan, daangaa kabachiisuu, heeraa fi seera tiksuu irraa maquun lubbuu lammiilee nagaa maqaa olaantummaa seeraa mirkaneessuu jedhuun dhabamsiisuun teessuma aangoo wal jijjiiraa har’a kan ga’an oggaa ta’u, loltoonni miseensummaan sirnicha tajaajilan hammeenya sirnichaa balaalleffatanii mooricha gadhiisuun keessaa baduu haalaan cimsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading