• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n Zoonii Harsadee Godina Baha Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaa fi Boosat keessatti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Mar 23, 2025

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025

Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBO’n Zoonii Harsadee Bitooteessa 21, 2025 Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Muummee Kosooroo keessstti ergamtoota waraana PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun 3 ajjeesuun 5  madeessee injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Ittuma fufuun aanaa Boosat ganda Rukkeechaa keessatti tarkaanfii laalessaa waraana Bilxiginnnaa irratti fudhateen 2 ajjeesuun 4 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Gama meeshaatiin kilaashii AKM 2 hidhannoo waliin irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.

Jajjabeen WBO torbee kana keessa Lixa Wallaggaa fi Iluu Abbaa Booraa dabalatee bakkoota adda addaa keessatti waraana faashistii PP haleeluun irraa hiikaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading