• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessattis hidhattootni impaayerattii daa’ima umurii 13 tokko irratti gudeeddaa erga raawwataniin booda, haala suukkanneessaa ta’eenis ajjeesuun dhaga’ame

Mar 24, 2025

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Dantaa dhuunfaa isaaniif qofa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa kan oolan akkasumallee safuu fi hooda hawaasaa kan hin beeknee fi miirri namummaa itti dhaga’amuu dhabuu irraan kan ka’e gocha ciggaassisaa daa’immanii fi hawwan irratti raawwachaa kan oolan ergmtoonni Bilxiginnaa, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda 01 keessatti Bitootessa 18, 2025 daa’ima waggaa 13 maqaan ishee Miimmii Daannoo jedhamtu haala suukkanneessaa ta’een erga gudeedaniin booda ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, daa’ima kana irratti gocha qalbii namaa cabsu kan raawwate miliishota impaayerattii akka ta’an himuun, reeffi ishees barbaacha hawaasni naannichaa taasiseen guyyaa tokko booda Bitootessa 19, 2025 galma guddaa ganda 01 keessaa akka argame ONM’f eeranii jiru.

Kana malees hawaasni onichaa keessattuu bulchiinsa magaalaa Begii keessa jiraatu galgala sa’a 12:00 booda daandii irra socho’uun hedduu rakkisaa ta’uu himuun waraanni maafiyaan PP namoota saamuu fi ukkaamsuun dhabamsiisaa jiraachuus dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading