ONM-ABO Bitootessa 24, 2025
Duulli waraanaa Ameerikaa torban tokkoo oliin dura jalqabame hanga ammaatti hoggansa ijoo Huutii fi ogeessa misaa’ela olaanaa garee kanaa dabalatee dhabamsiisuu gorsaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Maayik Waaltz Dilbata kaleessaa ibseera.
Waraanni Ameerikaa hanga ammaatti waa’ee hojii kanaa muraasa qofa kan gadhiise yoo ta’u, haleellaan Ameerikaa kan eegale erga Huutiin doorsisa haleellaa doonii galaana diimaa haaromsuuf dubbateen booda.
“Waajjira muummee isaanii rukunneerra, ijaarsa qunnamtii, warshaalee meeshaa waraanaa, fi meeshaalee oomisha diroonii tokko tokko illee rukunneerra,” jechuun Waaltiz CBS News’tti himaniiru.
Waaltiz ogeessa misaa’elaa ajjeefame adda hin baasne, hoggantoota biroo ajjeefaman irrattis bal’inaan yeroo sanatti ibsa hin kennine Rooyiters gabaaseera.




