• Mon. Jan 12th, 2026

Barataan yuunivarsiitii Madda Walabuu muummee barnootaa Kompitishinii waggaa 4’ffaa baratu waraana faashistii PP’n ukkaamfamee dhabamsiifamuun ibsame

Mar 28, 2025

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Wiixata galgala sa’a 12:00 gubbaatti barataan Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu muummee barnoota kompitishinii damee keemistirii baratu kan maqaan isaa Margaa Musee jedhamu humnoota poolisii Federaalaan mooraa Yuunivarsiitii keessaa ukkaamfamuun hanga gabaasni kun qindaa’etti achi buuteen faana isaa hin baramin jiraachuu ONM odeeffate.

Barataa Margaan dhalootaan Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa ganda  Warra-Kuraa Suchii ta’uun kan beekamu yoo ta’u, balleessaa tokko malee hiriyyoota isaa biraa ukkaamfamuun waraqaa mana murtii fi heyyama yuunivarsiitiin alatti akka dhabamsiifame hiriyyoonni isaa dubbatu.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti mooraan yuunivarsiitii Madda Walabuu dhabamuu barataa kanaaf barbaacha taasisaa akka hin jirres kan himamu yoo ta’u, maatiin barataa kanaas fayyummaa ilma isaaniif yaaddoo keessa akka jiran ibsameera.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti ilmaan Oromoo barachuuf wabii jireenyaa kan hin qabne, adeemsaa fi sochiin sabichaa ilaalcha dabaatiin haqaaqamee hidhamee dhabamsiifamuu, badii hin raawwatinitti yakkamanii ajjeefamuu, barnoota, daldalaa fi hojiilee idilee irraa ukkaamfamuun qaamaa qalbiin miidhamuu fi jireenya golgola’aa jiraachuun baratamaadha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading