• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti ergamtoonni Bilxiginnaa lammiilee nagaa irratti sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu hammeessan

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 28, 2025 

Aanaa Daarimuu ganda Imbooroo jedhamutti Bitootessa 25, 2025 loltootni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Abdallaa Alfakii jedhamu badii tokko malee sobaan yakkanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun harkaa fi lafee dugdaa isaa cabsanii hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti haalli fayyummaa isaa sadarkaa yaaddessaa irra kan jiru ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Abdallaan deggeraa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane yoo ta’u, waraanni Bilxiginnaa ammoo maqaa “obboleessa keetu bosona jira” jedhuun magaalaa Haramii jedhamu irraa toora halkanii dukkana dawoo godhachuun gara mana isaatti bobba’anii naasuu tokko malee gocha gara jabinaa kana irratti raawwatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ergamtoonni sirnichaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa saboota kan biroo irraa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun miidhaa ulfaataa raawwachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading