• Wed. Nov 25th, 2026

“Intalli isaa gidiraa isarra ga’aa jiru obsitee ilaaluu dadhabdee of ajjeesteetti, inni garuu kana hin dhageenye. Hawwiin koo yoom dhuftee na dubbisti jedhee eega.”

Mar 30, 2025

Seenaa gola Oromoo!

– Maammush Lulii jedhama, abbaa ijoollee afuriiti. 

– Horroo Guduruu Wallaggaa, magaalaa Kombolchaa jiraataa ture

– Mana elektirooniksii qaba, nama tattaafatee maatiisaa jiraachisudha

Booda bal’inaan hojii hojjetee jireenya maatiisaa caalaatti fooyyessuuf Buraayyuu, naannoo Gafarsa Noonnootti gale. 

– Bara 2015 A.L.Htti Buraayyuutti hojii suphaa elektirooniksii bifa haaraafi gaarii ta’een jalqabe.

– Utuu hin turiin, gaafa 3/4/2016, “Ati Loojistikii Shaneeti” jedhanii qabanii mana hidhaatti darbatan

– Kunoo waggaa tokkoofi walakkaa oliif utuu mana murtiitti hin dhiyaatiin, murtoofi gaaffii tokko malee mana hidhaatti gidirfamaa jira

– Maammush durayyuu dhibee garaagaraan rakkata. Dhukkuba narvii hamaa ta’eefi dhibee ijaa qaba. Hospitaala Xiqur Ambassaafi Minilikitti yaalamaa ture. 

– Erga mana hidhaa galee dhukkubni duraan ture baay’ee itti jabaate. Dhibee isaa kanaaf yaala argachuu akka qabu iyyatus, maatiin deddeebi’anii wajjira poolisii kadhatanis namni jalaa qabe hin jiru. 

– Jalqaba waajjira Poolisii Gafarsa Naannootti hidhan, achii booda waajjira Poolisii Kattaatti dabarsan. Booda kallattii maatiin dubbisuuf hin mijanne gara Laga Xaafootti dabarsanii ija maatii duraa miliqsan.

– Hidhamtoonni muraasni Maammush waliin turan leenjiin kennameefii hidharraa hiikaman. Inni garuu utuu dhukkubaan rakkatuu, utuu siree mana hidhaarra guyyaa guutuu ciisuu namni ‘yaa abbaa kanaa’ ittiin jedhe hin jiru. 

– Booda Laga Xaafoorraa gara Buraayyuu, Keellaatti dabarsanii achitti hidhan. 

– Maatiin waajjira mootummaarra naanna’anii haala isaa kana aanga’oota mootummaaf ibsanis ifatamuurraa kan darbe furmaata hin arganne! 

Baay’ee kana nama gaddisiisu mucaa angafaa isaa kan taate #Hawwii_Maammush, umuriinshee waggaa 18, barattuu kutaa 11ffaa kan taate gidiraa abbaa isheerra ga’aa jiru irratti deddeebitee aaruu irraan kan ka’e obsa fixattee gaafa 21/06/2017 qoricha dhugdee of ajjeefte! 

  • Maammush kana quba hin qabu. Hawwiin koo yoom dhuftee na dubbisti jedhee eegaa jira. 
  • Hawwiin intala angafaa isaati, baay’ee jaallata. Bakka guddaa geessee arguuf hawwiidhaan ishee eegaa jira. Isheen garuu awwaalamtee biyyootti makamteetti. 

– 

Maatiin gadda kana mana hidhaa keessatti yoo itti himne sammuu isaa dhabuuyyu ni danda’a jedhanii sodaatan. Dhugaa kana itti himanii, “Namni kun yakkaa hin qabu, himanni itti banames hin jiru yoo xiqqaate hidharraa ba’ee akka intala isaaf boo’u nuuf eyyamaa” jedhanii Bulchiinsa magaalaa Shaggar, Koomishinii Poolisii Oromiyaa, abbaa alangaafi dhimma nageenyaatti deddeebi’anii iyyatanis qaamni furmaata kenneef hin jiru. Kan gaddeef, kan birmateef hin jiru! 

Kunoo akkasitti yakkaa tokko malee jiruun ilma Oromoo diigamee, xobbeen cittee, qe’een gammachuu gara qe’ee gaddatti jijjiiramee taa’e! 

Kun seenaa gola Oromooti. 

Baay’ee nama gaddisiisa! 

#JusticeForMaammush

#JusticeForHisFamly

Leave a Reply