• Wed. Jul 29th, 2026

Hoogganaan Hizboollaa haleellaan Israa’el Libaanos irratti raawwatte fudhatama hin qabu jedhan

Mar 31, 2025

ONM-ABO Bitootessa 30, 2025 

Hoogganaan Hizboollaa Nayim Qaassem Sanbata kaleessaa akka jedhanitti, haleellaan Israa’el Libaanos irratti erga Sadaasa 2024 keessa dhukaasa dhaabuun booda Beerut irratti jalqabde fudhachuu akka hin dandeenye ibsite.

“Weerarri kun xumuramuu qaba. Israa’el… erga lolli dhaabbatee booda yeroo jalqabaaf naannoo kibbaa Beerut’tti boombiin haleelte… kun itti fufuu hin danda’u,” jechuun Qaassem erga televijiiniin darbu irratti dubbataniiru.

Haleellaan Beerut kun kan dhufe erga rookkeettiin Libaanos irraa gara Israa’elitti Jimaata darbe dhukaafameeti.

Hizboollaan garuu gama isaatiin haleellaa rookkeettii kana keessatti hirmaachuu haaleera jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading