ONM-ABO Eebla 1, 2025
Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo bulchiinsa magaalaa Furdaa irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Musiim Mohaammadee Kabiiraa jedhamu torban muraasa dura lukkeelee Bilxiginnaan ukkaamfamuun waajjira poolisii magaalichaatti yakka tokko malee dararamaa kan jiru dhukkubbii ulfaataa isa mudateen akka hin yaalamne loltoota sirnichaan dhorkamee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Qonnaan bulaan kun badii tokko malee kan hidhame yoo ta’u, dukkaana qorichaatii illee akka daawwaa liqimsu hin bitanne dhorkamee kan jiruu fi waajjira poolisii sana keessatti dararaan hidhamtoota irratti raawwataa jiru garmalee hammaataa ta’uun baramee jira.
Kana malees gochoonni saamichaa, hidhaa, dararaa fi doorsisni waraana garboomfataa PP’n aanaa Baddannoo keessatti jiraattota irratti raawwatamaa jiru haalaan jabaatee kan jiru oggaa ta’u, waraanni faashistii PP fi miliishoonni dantaa dhuunfaa fi fedhii barcuma koloneel Abiy Ahimed eeguuf ifaajan dhiibbaan isaan hawaasa irratti raawwachaa jiran jabaatee akka jirus ibsameera.


