• Mon. Mar 16th, 2026

Hiriirri guddaan har’a Eebla 2, 2025 deggersa koloneel Abiy Ahimediif akka taasifamuuf Godina Jimmaatti tokkoon tokkoon Aanaalee irraa namoonni baay’inaan 20,000 ta’an walitti guuramaa kan jiran yoo ta’u,..

Apr 3, 2025

ONM-ABO Ebla 2, 2025 

Hiriirri guddaan har’a Eebla 2, 2025 deggersa koloneel Abiy Ahimediif akka taasifamuuf Godina Jimmaatti tokkoon tokkoon Aanaalee irraa namoonni baay’inaan 20,000 ta’an walitti guuramaa kan jiran yoo ta’u, Finfinnee fi naannoo ishee akkasumas Godinaalee biroo irraa geejiba dhaabsisuun dirqiin uummata yaasaa jiraachuun barame.

Afaan qawween uummata cafaqee bulchuu malee mirga namummaa isaanii eeguu kan hin feene sirni nama nyaataan impaayerattii Bilxiginnaan yeroo ammaa kana kan yeroo kamiin olitti dararaa uummata irratti geggeessu cimsee itti fufuun har’a ammoo guyyaan aangoo ittiin nama ajjeesuu fi dararu argadhe naaf kabajaa jechuun hawaasa dirqiin hiriira deggersaaf walitti guuraa turuun ibsame.

Kabaja aangoo qabachuu koloneel Abiy Ahimed waggaa 7’ffaa sababeeffachuun har’a Ebla 2, 2025 godina Jimmaa aanaalee godinichi qabu cufa irraa jiraattonni baay’inaan 20,000  ta’an fedhii isaaniii malee ukkaamfamuun bulchiinsa magaalaa Jimmaatti deggersaaf kan deeman oggaa ta’u, aanaaleen kamuu jiraattota baay’inaan 20,000 ta’an yoo hin dhiyeessine adabbiin akka isaan eeggatus ajajni darbee jiraachuun ibsameera.

Bu’uurama kanaanis kaadiroonni fi lukkeeleen Bilxiginnaa namni kamuu hiriira deggersaaf kanneen aanaalee irraa filatamtan yaada irraa hafuu fi mormii sirna keenyaaf qabdu taanaan hireen keessan balaa keessa jira jechuun doorsisaa turuun beekameera.

Oduuma wal fakkaatuun magaalaa Finfinnee fi Shaggar Siitii keessattis hiriira jajannaa Abiyyiif konkolaachifttootni geejjiba dhaabanii uummata ganama kana fe’anii bakka hiriiraatti akka geessaniif dirqamanii jiraachuu konkolaachistootni ONM’tti himaniiru.

Gochi tajaajila geejibaa hawaasa irraa kutuu kun kaleessa kan eegale yoo ta’u, namootni hojii irraa galanii fi dhimma qaban lafa dheeraa miillaan deemuuf dirqamanii jiraachuun barameera.

Bulchiinsa abbaa irree jalatti daawwannaaf namoota yaasuu, guyyaa dhaloota isaanii kabajuuf nama waamuu, guyyaa paartii ayyaaneffachuu fi guyyaa aangootti ol ba’an akka waan uummatni deggersa isaaniif gochaa jiruutti uummata baasanii miidiyaan dabarsuun  kan beekamu yoo ta’u, Abiy Ahimedis jibbiinsa uummatni irraa qabu gara dabarsuuf akka waan uummatni isa waliin jiruutti dirqamaan uummata hirirsuuf baasaa jiraachuun ni beekama.

Hiriirri kun naannoo Tigraay irraan kan hafe Oromiyaa magaalota godinaa hunda dabalatee naannoolee biroo keessatti dirqiin ni geggeeffama.

Sanbata darbes jala bultii isaa T-shirt hojjechiisuun jalabultii Ebla 2 jechuun ispoortii hojjechiisaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading