• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti hidhaan sabboontota ilmaan Oromoo irratti ergamtoota Bilxiginnaan raawwatu jabaatee itti fufe

Apr 7, 2025

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessaa waraanni faashistii PP Ebla 3, 2025 nama maqaan isaa Alamaayyoo Bayyanee jedhamu badii tokko malee osoo inni daandii irra deemaa jiruu ukkaamsuun waajjira poolisii ganda 05’tti hidhanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Maddeen Alamaayyoon siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuu dubbatu.

Lubbuu uummata nagaatiin tirgaa siyaasaa kan taphatu Abiy Ahimed dhiiga qeerroo fi qarree ilmaan Oromoo kumaatamaan bu’aa argame butee barcuma  siyaasaa qabatee impaayera ekeraa Minilikiin hargantu jireessuuf jecha kutaalee impaayerattii mara keessatti sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi dararaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading