ONM-ABO Ebla 6, 2025
Aanaa Daarimuu ganda 01 keessa kan jiraatan abbootiin qabeenyaa mootummaa garboomfataa PP waliin wal ta’uun uummata Oromoo durii kaasee hanga har’aatti kabajaa fi jaalalaan waliin jiraachaa yoona ga’e Kiristaanaa fi Musiliima jedhanii amantaan adda qoqqoodanii miidhaa geessisuun bu’aa siyaasaa irraa argachuuf hojjechaa jiraachuun ibsame.
Dabalataanis, namoonni kunneen Musliima fakkaatanii abbootii amantaa ajjeesuuf dukkana dawoo godhachuun yaalii ajjeechaa taasisaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Abbootiin qabeenyaa ergamtoota Bilxiginnaa waliin ta’uun siyaasa dhuunfaa isaanii dhimma amantaa fakkeessanii uummata Oromoo wal ficcisiisuuf sochii taasisaa jiran hedduu ta’uu fi jarreen kun tokkummaa Oromoo diiguuf akka ta’e barameera.
Uummatni aanaa Daarimuu baroota dhufaa darbaan bulchiinsa cunqursaa malee amantiin wal akka hin dadhabne kan beekamu yoo ta’u, har’as shira diinaa baree tokkummaa isaa jabeeffachuun jiraata malee galtee siyaasa diinaa hin ta’u jechuun namootni yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniiru.


