• Mon. Mar 16th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Yaayyaa Gullalleetti loltoonni PP dhukaasa walitti banuun wal irraa ajjeesuu fi madeessuun dhaga’ame

Apr 7, 2025

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Goleessitoonni loltoota impaayerattii kanneen humna addaa jedhamuun waamaman aanaa Yaayyaa Gullallee magaalaa Daalattii keessatti Ebla 3, 2025 guyyaa saafaa dhuganii machaa’uun gabaa keessatti dhukaasa wal irratti banuun du’aa fi madoon wal adabuu gabaasni nu qaqqabe ni addeessa.

Dhukaasa raawwatameen boodas loltoonni lama du’uu fi lama madoo ulfaataan adabamuun, kanneen lubbuun hafanis yeroo ammaa hospitaalatti yaalamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kanuma irraa kan ka’e uummanni gabaa ba’ee jiru faffaca’ee jeequmsaa fi burjaajii guddaan akka ture kan nuuf eeran maddeen, kana malees faashistoonni dhiiga ilmaan Oromoo dhangaalaasuu adeeffatan kunneen bakkeewwan garaa garaatti faayidaa dhuunfaa fi ilaalcha sanyummaa gidduu isaaniitti uumamuun guyyuu hidhaa, ajjeechaa fi dararaa addaa addaa wal irraan ga’aa jiru.

Gara jabeeyyiin eegdota impaayerattii uummata irraa dhalatanii fi walii isaaniif illee jaalala namummaa hin qabne garaa isaanii qofaaf lubbuu wal baasaa oolan, ilmaan Oromoo irrattis dararaa hammeessuun jiruuf jireenya uummataa golgoleessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading