ONM-ABO Ebla 10, 2025
Aanaa Dugdaa bakkeewwan adda addaatti Ebla 7, 2025 irraa eegaluun tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa maqaa kaffaltii gibiraa dawoo godhachuun bifa adda ta’een jiraattota irratti saamichaa fi hidhaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, ganda Gamoo jedhamu irraa namoonni maqaan isaanii:
- Ayyittii Qaabatoo,
- Guddattuu Damee,
- Ruufoo Abarraa,
- Shurraa Jimaa fi
kanneen biroo hedduun waan kaffalan of harkaa dhabuun mooraa waraana Bilxiginnaa gandicha keessatti argamutti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun, aanichuma ganda Tuchii Sumayaan jedhamu irraa ammoo namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Morkii Margaa,
- Seeroo Abbee,
- Tolee Jiloo fi
kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduun jiraachuun eeramee jira.
Kaffaltii gibiraa kanas giddu galeessaan qarshii 5,000-6,000’tti afaan qawween funaanaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.
Koloneel Abiy Ahimed sirna abbaa isaa Minilik irraa dhaale tiksuuf jecha dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuu itti fufee hojiilee hamminaa hojjechaa jira.




