ONM-ABO Ebla 9, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa Magaalaa Shaambuu mana barumsaa sadarkaa 2’ffaatti Wiixata kaleessaa Ebla 8, 2025 barattootni sa’a 3:00 irraa eegaluun dhaadannoo” ajjeefamaa hin barannu, Bilxiginnaa fi gareen finxaaleessaa Amaaraa Faannoon diina keenyaa fi kanneen biroo jechuun sagalee isaanii dhageesssifachaa turuun beekame.
Mormiin barattootaa kunis osoo uummanni keenya du’uu sammuu maaliin baranna” jechuun dallaa mana barumsaa keessatti fincila dhoosanii kan turan oggaa ta’u, itti gaafatamaa waajjira barnootaa, kantiibaa magaalaa Shaambuu, ajajaa poolisii fi itti gaafatamaan nageenyaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu gara mana barumsaa deemuun barattoota ugguruun beekameera.
Bulchitootni impaayerattii akka waan Oromoof dhimmaniitti fuula miidiyaalee isaaniitti ba’uun uummata goyyomsaa duubaan ammoo namoota quuqama Oromummaa fi aantummaa saba isaanii qaban doorisuun hidhuu, ajjeesuu fi godaansisuu aadeffatan, amala isaanii kana ittuma fufuun bakkeewwan hedduutti namoota sagalee saba isaaniif ta’an ugguruun sarbamiinsa mirga namoomaa geggeessaa jiru.


