• Thu. Mar 12th, 2026

Milishoonni murna PP Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaa keessatti hawaasa manneen isaanii keessaa ari’uun ofii keessa jiraachaa kan jiranii fi saamichas qabeenyaa hawaasaa irratti hammeessuun dhaga’ame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Ergamtoonni murna PP gubbaa hanga gadiitti uummata dararuuf bobbaafaman gochoota balfamaa raawwachaa jiran jabeessanii itti fufuun Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii coqorsaa magaalaa Fiigaa ganda 01 keessaa humnoonni milishaa abbootii warraa baay’inaan 6 ta’an irraa dirqamaan mana fudhachuun keessa jiraachaa akka jiran ibsameera.

Namoonni manneenii fi qabeenyaan isaanii garee badii kanaan harkaa dhuunfatame kunneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Leekuun Kumarraa, 
  2. Obbo Waaqtolaa Kumarraa ,
  3. Obbo Alamaayyoo Asfawuu ,
  4. Obbo Fiqaaduu, 
  5. Obbo Firoomsaa Gaarummaa fi 
  6. Aadde Askaalee Yohaannis 

kan jedhaman oggaa ta’u, yeroo ammaa kana maatiin namoota kanaa waan keessa jiraatanii fi ittiin jiraatan dhabuun bakkeetti rakkachaa akka jirantu himama.

Saamtonni fi goolessitoonni sirnichaa yakka irratti dalaguu akkasumas duguuggaa sanyii irratti geggeessuu malee uummata Oromoof kabajaa fi jaalala namummaa tokko kan hin laanneef golee Oromiyaa cufa keessatti guyyuu dararaa akkaan ulfaataas taasisaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading