• Fri. Mar 13th, 2026

Miseensonni waraanaa maqaa farra riphee lolaan of waaman 2 hidhannoo guutuun Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa irraa WBO’tti harka kennatan

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 10, 2025 

Hidhattoonni murna PP qe’ee Oromoo keessatti bobbaafamaa oolan sirna balfamaa fi jibbamaa kana ganuu jabeessuun Ebla 9, 2025 aanaa Qilxuu Kaarraa irraa miseensonni farra riphee lolaa lama hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennachuu WBO’n onicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.

Qawwee AKM dachaatuu 2, gumbii 6, Rasaasa 174 fi hidhannoo mudhii lama qabachuun mooraa garboomsaa PP keessaa ganuun WBO bira kan ga’an oggaa ta’u, simannaa WBO’n isaaniif taasisetti guddaa gammaduun kanaan dura hubannoo malee sirna cubbamaa kanaaf qawwee baatanii saba isaanii dararaa turuutti dhiifama gaafachuun, kanneen Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessatti hafanii sirnicha tajaajilaa jiraniin ormaaf qawwee baachuu irra kottaa yeroodhaan WBO’tti makamaa uummata keessaniif dhaabbadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Murni Bilxiginnaa impaayera bututtuu Itiyoophiyaa deebisee uummata irratti gad dhaabuuf afaan qawween ilmaan hiyyeessaa guuree leenjisus kanneen quuqamaa fi jaalala saba isaanii qaban goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyuu hidhannoo fi qawwee isaanii qabatanii WBO’tti makamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading