• Thu. Mar 12th, 2026

Waraanni faashistiin PP Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee fi Godina Baha Shaggar Aanaa Bachoo keessatti ajjeechaa, saamichaa fi gubaatii manneen uummataa irratti raawwachaa jiraachuun dhaga’ame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Ergamtoonni garee maafiyaa PP kanneen sarbamiinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuun beekaman, Ebla 6, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee jedhamu keessaa jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Laaqoo Xibabuu jedhamu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta” jedhuun mana isaa qabeenya guutuu waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf  eeranii jiru.

Oduu biraatiin ammoo godina Baha Shaggar aanaa Bachoo ganda Shaqquur Xarafoo keessaa guyyaadhuma kana Ebla 6, 2025 maqaa “WBO waliin quunnamtii qabda” jedhuun nama maqaan isaa Caalaa Fayyisaa jedhamu ajjeessanii gatuu maddeen itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru. 

Kana malees, nama maqaan isaa Ayyaansaa Guddisaa Dabalee jedhamu ammoo “Qeerroo Bilisummaa Oromootu loon si bira kaa’ee jira” maqaa jedhuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya gamasii ONM’f ifoomsaniiru.

Dabalataan murni Bilxiginnaa hawaasa gandichaa irratti saamicha ulfaataa daangaa hin qabne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:

1. Tasfaayee Abbabaa jalaa sangaa 1 

2. Jiisaa Gurmeessaa jalaa sangoota 3 fi sa’a dhaltii 3 saamanii jiraachuu jiraattoonni gandichaa dabaluun OMN’tti himanii jiru.

Murni yakkamaan qondaaltotni isaa fi Eertiraa 12 yakka namoomaaa fi waraanaa yeroo lola Tigraayitti raawwataniif dhaabbanni Legal Action Worldwide mana murtii Jarmaniitti dhiyeessuuf hojjechuu qabatee jiraatus qondaaltotni impaayerattii seeraa olitti of ilaalan har’as yakka sana caalu sodaa malee lammiilee irratti hojjechaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading