Ummatni Oromoo sabboontotni fi qabsaa’onni Oromoo guutuu addunyaa irraa jirtan hundii keessaan baga Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15n kan bara 2025tiin isin gahe!
Guyyaan Gootota Oromoo sabboontotaa fi qabsaa’ota Oromoo biratti guyyaa seena qabeessa, ayyaana biyyoolessaa Oromiyaa kan waggaa waggaan gaafa Ebla 15nii yaadatamaa oolu dha. Guyyaan kun guyyaa itti wareegamtoota Oromoo Oromiyaa fi Oromoof lubbuu isaanii kennan cufa kan itti yaadannu akkasumsa imala isaan irraa kufan itti fufsiisuuf irbuun haaromfamuudha.
Uummatni Oromoo roorroo bifa hundaan isa irratti raawwatamuuf falmaa hadhooftuu taasisuun ilmaan isaa qaalii kitilaan itti wareeguun bakka har’a geenye kana dhiigaa fi lafee qabsaa’otaan ga’amuun danda’ameera. Ilmaan Oromoo Oromiyaaf jedhanii jireenya qananii dhiisanii roorroo fi cunqursaa sabaa fi biyya irratti hammaate qolachuuf qabsoon eegalan seenaa dhiigaan barreessanii xurree qabsoon nutti argisiisanii ofii wareegamanii qabsoon akka itti fuftu nutti dabarsanii darban. Isaan kun yeroo hunda kan yaadataman yoo tahu addatti immoo uummatni Oromoo addunyaa irra jiraatu bakka tokkotti Ebla 15 GGO jechuun gootota lubbuun isaanii Oromiyaaaf darbe kan yaadatee ooludha.
Qabsoo uummanni Oromoon baroota 1960 oota keessaa eegalee bifa qindaa’een karaalee adda addaa gaggeessaa ture deemsa keessa dhaaba jabaa uummata Oromoof falmu ABO hundeessuu dandaheera. Bara 1973 kan roorroon dhalche ABOn haala akkaan ulfaataa keessatti ijaaramuun qabsoo hidhannoo, dippiloomaasii, siyaasaa fi ummata Oromoo ijaaruu, dammaqsuu fi barsiisuu irratti hojjetaa ture.
Hogganoonni ABO yeroo sanaa qabsoo karaa hundaan jabeessuuf Bitootessa 1980 keessa jilli tokko kan Hayyu Duree fi Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa keessa jiru akka gara Somaaliyaa deemu murteessan. Hogganoonni ABO kunis kudhan (10) ta’uun dirqama qabsoof osoo deemanii gammoojjii Soomaalee bakka Shinniiggaa jedhamutti shiftoota Ziyaad Baarreetiin qabaman.
Shiftoonni Ziyaad Baarree hogganoota ABO kanneen erga hiraarse booda amantiin adda qoode warri Musliimaa gartokkotti warri Kiristaanaa ammoo gamtokkotti goraa jechuun addaan isaan qoode. Hogganoonni ABO garuu, nuti Oromoodha; amantiin adda hin baanu, yoo nu gad dhiiftan walfaana nu gad dhiisaa yoo nu ajjeestanis wal faana nu ajjeesaa jechuudhaan murtii gootummaa fudhatan. Shiftoonni Ziyaad Baarreetis bakka tokkotti isaan ajjeesuun boolla tokkotti awwaalan. Hogganoonni fi Qondaalotni ABO ofii boolla tokkotti awwaalamun Oromummaa awwaalcha irraa oolchan.
Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Biyyi keenya Oromiyaa fi waliigalatti uummatni Oromoo bal’aan bu’aa Gootota Oromoo fi firii kaayyoo Goototni Oromoo irratti wareegamaniiti. Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Ebla 15, 1980 irraa eegalee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa yoona ga’e. Gootota gaafa alagaan biyya Oromoo cabsuuf itti duule diina biyya ofii irraa ittisuuf jecha diddaa gabrummaa irratti wareegaman dabalatee Qabsaawota Bilisummaa Oromoo bifa adda addaan hanga har’aatti wareegama baasan hunda guyyaa kana yaadanna.
Kana waliin, Guyyaan Gootota Oromoo, guyyaa miseensotni ABO-WBO , Qeerroon Bilisummaa Oromoo, deggartootni fi uummatni Oromoo bal’aan kaayyoo goototni Oromoo qaqqqaaliin irratti wareegaman galmaan ga’uuf irbuu isaanii itti haaromsaniidha. Seenaa fi imaanaa gootonni Oromoo wareegamaniif galmaan ga’uuf qabsoo keenya jabeessuudha.
Seenaa uummata Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota addaati. Hogganootaa fi miseensoti ABO-WBO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deggartootaa fi sabboontotni uummata Oromoo, qabsaa’otni bilisummaa Oromoo bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaagala sabboontotni Oromoo xurree hoogganootni ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu.
Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 ka’umsa godhachuudhaan akeekaa fi kaayyoo GGO galiin ga’uuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo jala bultii GGO Ebla 15 kan bara 2025 sababeeffachuun haala yeroo irratti ibsa waliigalaa erga kennee booda.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo isaa daran jabeessuu fi haala waliigala raafama siyaasa Impaayerattii irratti marii bal’aa gochuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.
Duguuginsa Sanyii (Genocide), moototni Habashaa erga Oromoo afaan qawween cabsanii bulchuu eegalanii hanga har’a jaarraa 21ffaatti dabaree aangootti dhufan raawwatanif Oromoon tolee jedhee jilbeeffatee bitamee, hin bulle. Utuu falmatuu diina kufaa kuffisaa har’a as ga’ee; Qabsoo Bilisummaa Oromoos bu’aawwan dagatamuu fi eenyuyyuu haaluu hin dandeenye dhiigaa fi lafee isaa itti cabsee fidee har’a dhaloota haaraa nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaqqabsiisee jira.
Haata’uu malee, ilmaan mootota Habashaa kaleessaa har’allee qabsoo Oromoo dhaamsuuf Oromiyaa deebisanii qabachuu fi sirnoota abbootii isaanii sirna nafxanyaa kaleessaa deebisuuf nurraa hin dhaabbanne hojii idilee isaanii godhachuun hanga sadarkaa Qe’ee Oromoo weeraruu, ilmaan Oromoo ajjeessaa, morma muranii mukatti fannisanii itti sirbuun seenaa Aanolee fi Calanqoo irra deebi’aa, qabeenya Oromoo saamaa akkasumas miidiyaa fi mana maxxansaa banachuun, Oromoo arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu fi Oromoon biyya hin qabu jechuu irra ga’anii turan ammas itti jiru. Nafxanyaa har’a qawwee fi golgaa dimookiraasiin biyya lafa gowwomsaa jiru of jabeessuun umrii bittaa isaa dheereffachuuf yeroo kallattii hundaan tattafatan ifatti ba’een mul’acha jira, sochii farrummaa Oromoo nafxanyota kaleessaa fi har’a kana dhaabamsisuuf Oromoon bakka jiru hundaa dammaqee qalbiin qabsoo isaa jabeessuun qaba.
Sirni gita bittootaa kun akkuma kaleessaa Goobanoota Oromoo harma Oromoo hodhee guddatee fi afaan, aadaa, duudhaa Oromoo keessa beekutti fayyadamuudhaan, qabsoon bilisummaa Oromoo akka galii hin geenye golga Oromummaa of dura qabanii ilaalcha isaanii itti fufsiifataa jiru. Ilmaan Oromoo biyya keessa fi biyya hambaa guddifachaa sirni mootota kalee har’a maqaa Oromootiin aangootti ol baafatee masaraa isaa keessa kaa’atee ittiin qabsoo bilisummaa Oromoo gufachiisaa jiru kana sirnaan hubatee wal hubachiisuun, seenessa sobaa ilmaan koloneeffaataa afaan bartee maqaa ilma Abbaa Gadaatu Oromoo biyya bulchaa jira jedhu kana ofirraa qoollifachuudhaan xurree qabsaa’ota qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa humnaa fi dandeettii ofii utuu hin qusatiin akka annisaa itti daballee galmaan geenyu asumaan ni dhaammanna!
Qabsoo Bilisummaa Oromoo har’a gaggeessaa jirruufiis tahee sirna bulmaata jabaa boru ijaarrachuuf deemnu keessatti tokkummaan Oromoo, keessaayyuu tokkummaa fi waldhageettiin jaarmayaalee siyaasaa Oromoo qabsootti jiranii murteessaa ta’uu hubannee waldura dhaabbachuuf qoccolloo bifa kamiyyuu keessaa baanee diina tarsimoo keenyaatti fuula deeffachuun dirqama filannoo hin qabne ta’ee nutti mul’ata.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi kabajamuu mirga uummata Oromoof itti gaafatamuummaa guddaa kan of harkaa qabu numa dargaggoota Oromoo fi beektoota Oromoo sadarkaa garaa garaa irra jirru ta’uu jaabessinee hubachiifna. Goototni ilmaan Oromoo kaleessa utuu hanga kana hin baay’atin, hin baratiin, walitti dhiyaatee hin marii’atinii fi teeknoloojii hin fayyadamiin eenyummaa uummata keenyaa fi qabeenya Oromoon qabu tiksuun wareegama qaalii lubbuu, lafee itti cabsee dhiiga irratti cobsee Oromoo fi Oromiyaa har’aa kana nu dhaalchisee utuu diinaaf hin jilbeeffatiin bilisummaa keessanitti xumura godhadha ofiin of bulchaa jechuun wareegama tilmaama hin qabne kaffaluun seenaa keessatti bakka olaanaa qabaachuun darbaniiru. Nuti dhaloonni har’aa itti gaafatama seenaa jalaa of baasuu fi qabsoo bilisummaa gootota keenyaan dhaalchifamnee fi bu’aa qabsoo Oromoo ta’uu keenya beekuun eenyummaa, abbaa biyyummaa, sabboonummaa, fi bilisummaa keenya gonfachuuf yoomiyyuu caalaa yeroon gamtaan harka walqabannee biyya keessaa fi biyyota hambaa garaagaraa keessatti Qabsoo Bilisummaa Oromoo akka jabeessinu ammaadha.
Ummaatni Oromoo haalaa sochii siyaasaa impaayera kana keessaa deemaa jiru sirnaan hubattee sochii qindaa’aa kana irratti gootota Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hiriiruun Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf tokkummaan falmaa irraa akka duubatti hin deebineef dhaamna!
Injifannoon Ummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ebla 14,2025
Finfinnee Oromiyaa



