• Mon. Jan 12th, 2026

Dargaggeessi Kaaba Oromiyaa Godina Wallootti waraana garboomfataa PP’n rukutamuun madaa’ee ture marsaa lamaffaaf mana yaalaa keessaa ukkamfamuun dhaga’ame 

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Bitootessa 27, 2025 dargaggeessi maqaan isaa Torbii Hasan jedhamu hojiin isaas konkolaachisaa kan ta’e waraana garboomfataa PP’n konkolaataa isaa irraa qabamee turuu isiniif gabaasnee turuun keenya kan yaadatamu oggaa ta’u, akkuma qabameenis waraanni koloneel Abiy Ahimed mana hidhaa irraa gadi lakkisuun yeroo muraasa booda baajaajiin osoo inni deemaa jiruu ari’anii madeesuun madoon isaas bulchiinsa magaalaa Finfinneetti yaalamaa turuun ibsameera. 

Haa ta’u malee loltoonni kunneen faana dhawuun bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaa ukkaamsanii osoo yaalli ga’aa fi fayyummaa isaaf wabii ta’u tokko hin taasifamin gara jabummaa fi hammina qaban ifatti agarsiisuun gara godina Wallootti akka deebisanis jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Dargaggeessi kunis marsaa lammaffaaf kan ukkaamfame Ebla 10, 2025 magaalaa Kamisee dhufee waajjira Poolisiitti hidhamee kan ture yoo ta’u, guyyaa tokko boodas mana hidhaa Maharramaa jedhamutti dabarfamee hidhamuun ibsameera.

Mataan nafxanyootaa Koloneel Abiy Ahimed loltoota aantummaa sabaa hin qabne bobbaasee ilmaan Oromoo jiraatti gidiraa fi daba seenaa irratti raawwachaa jiru, madeessee yaala fayyaa dhorkachuu fi ajjeesee bineensa sooruu ilmaan Oromoo irratti jabeessee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading