ONM-ABO Ebla 12, 2025
Murni uummata nagaa irratti gidiraa adda addaa hojjachuu hojii idilee isaa godhate murni PP Ebla 9, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee gandoota akka Nuqusaa, Qaxxaamurree fi kkf keessatti dararaan isaan uummata irratti hojjatan daran jabaatee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dantaa siyaasaa isaaniif jedhanii uummata gandoota hedduu irraa guuruun daandii guddicha asfaaltii gubbaatti walitti qabuun basaastota isaanii keessa bobbaasanii wal irratti ijaaruun miidhaa irratti gaggeessaa jiraachuu” dabaluun dubbataniiru.
Namoota sababa kanaan hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaa arganne:
1. Roobaa Hawweetii fi
2. Hawaas Abbabaa kan jedhaman yoo ta’an, “daballee WBO himaa, horii WBO’tu isin bira jiraa fidaa” jechuun abbaa fi ilma hidhanii hiraarsaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ONM’f ibsaniiru.


