• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa dirqamsiisuun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun himame

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu jedhamu keessatti waraanni shiftaa Bilxiginnaa hawaasa hunda dirqamsiisuun waajjira gandaa ijaarsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Gandicha keessatti baay’inni qonnaan bultootaa 1,200 ol yoo ta’u, bulchaan gandichaa kan maqaan isaa Xilahuun Shoomee jedhamuu fi dhimmi nageenyaa gandichaa namni maqaan isaa Nagarii Itichaa jedhamu waliin ta’uun hawaasa garmalee dararuun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun itti dabaluun ibsamee jira. 

Akka jiraattonni himanitti, jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa humnaan baasanii hojjechiisaa jiraachuu himuun, namni tokko dhuunfaatti muka 8 fi cidii ardaba lama-lama akka fidan dirqamsiisuun guursisaa jiraachuu dubbatu.

Akkuma aanichaatti loltoonni sirnichaa xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne, maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, sababa lukkeelee kanneeniif hawaasni akka itti ba’ee galu dhabaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading