ONM-ABO Ebla 13, 2025
Murni nama nyaataan Bilxiginnaa impaayerattii hundeen raafamte deebisanii dhaabuuf, maqaa “ganda deebisanii ijaaruu” jedhu da’eeffachuun hawaasa Oromoo baadiyyaa jiraatu saamuu fi hojii idilee isaa irraa dhorkuun humna qonnaan bultoota Oromootti taphachaa jiru.
Akka kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Ulaa Guutoo bakka addaa Bosoqqee jedhamutti lukkeeleen Bilxiginnaa akka waan deebi’anii ganda irra jiraatanii hawaasa hunda hojii idilee isaa irraa dhorkuun dirqamaan qabanii waajjira gandaa ijaarsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Tiksitoonni impaayerattii hawaasa jireenya harkaa gara afaanii jiraatu, ilmaan isaa waan nyaachisu illee dhabuun garmalee rakkatu dirqamsiisuun, haadha hiyyeessaa sabbata hiikkachiisanii qorqorroo shan shan akka bitanii fi mukas shan shan akka geessaniif marsaa 2’ffaaf maqaa waajjira gandaa ijaaruun hiraarsaa jiraachuun ibsamee jira.
Oduuma walfakkaatuun, godinuma kana aanaa Abbay Coomman ganda Biqiltuu Fayyinee jedhamu irraas jaleewwan sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa ifaajan maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun nama tokko irraa hanga qarshii 5,000 humnaan guuraa kan jiranii fi akkuma godinichaatti saamicha dabalatee dhiittaan mirga namoomaa jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuun baramee jira.
Haa ta’u malee Bilxiginnaan yeroo maqaa mana gandaa ijaarraan uummata Oromoo godinichaa dararaa jiru kanatti finxaaleeyyiin Amaaraa ammoo Jaardagaa Jaartee fi Abee Dongoorootti ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun ni beekama.


