ONM-ABO Ebla 12, 2025
Godina Jimmaa magaalaa Saqqaa Coqorsaa ganda 02 keessatti Ebla 8, 2025 irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “haaromsa kaartaa manaa” jedhuun mana tokkotti qarshii 30,000 dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha keessatti saamichi kaffaltii gosa garaa garaa naga’ee hin qabne irra deddeebiin jiraattota irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, sababa kanaan hawaasni harka qalleeyyiin ofiifuu jireenya harkaa gara afaanii jiraatan akka malee dararamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan ilmaan Oromoo kan boossisan dinagdee isaa quucarsuuf jecha yeroo addaa addaatti saamicha ulfaataa irratti raawwachaa jiru.


