• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabii fi Qilxuu Kaarraa irraa miseensonni waraana Raayyaa ittisa impaayerattii 3 meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin WBO’tti harka kennatan

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii keessaa Ebla 10, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerittii lama AKM gurracha lama qabatanii Waraana Bilisummaa Oromootti harka yoo kennatan, godinuma kana aanaa Qilxuu Kaarraa irraas Ebla 10, 2025 miseensi Raayyaa ittisa impaayerattii tokko mooraa magaalicha keessatti argamu keessaa qawwee AKM dachaatuu tokko qabatee bahuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennateera.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii kunneen lama sabaan Amaaraa fi tokko Oromoo yoo ta’an,  jalqabumayyuu dirqamaan qabamanii akka mooraa waraanaatti geeffaman ta’uus kan dubbatanii fi mooraa dabaan guutame kan dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasu keessaa bahuuttis hedduu akka gammadan himaniiru.

Xumura irrattis fedhii malee kanneen akka keenyatti dirqiin keessa jirtan danuu ta’uu eenyuyyuu kan beeku ta’uu hubachuun tooftaan ittiin murna garboomfataa PP kana ittiin of irraa fonqolchanii fi dirree bilisaa irra ittiin nagaan jiraatan daandii WBO ta’uu hubachuun osoo yeroon isinitti hin barfatin gara abdii fi irree sabaa kan ta’e WBO’tti dabalamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading