- Guyyaa Gootota Oromoo Ebila 15/2025 sababeeffachuu Qeerroo fi Qarree Bilisummaa Oromoo bifa kanaan kabajaa turanii.
- Har’a uummanni Oromoos akka sabaatti wareegama gootawwan kaleessaa akka gaaza qabsootti gargaaramuun bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf wareegama qaalii kaffaluun injifannoo hedduu galmeessaa jira. Siidaan gaaddisa tokkummaa Oromoo dhiigaaf lafee jaallan qaaliin gammoojjii Shinniggaatti hordamee amantii, gandaa fi gosaan akkasumas, shiraaf xaxaa murna abbaa irreen akka hindiigamneef sa’a 24 guutuu waardiyaa dhaabachuun tiikfachuurratti argama.
- Dhaloonni galfata abboonni dhiigaaf lafeen itti kennan akka ija isaatti ilaaluun irratti of kitimaa jiraa, argi. Dhaloota imaanaa hin aloofne of harkaa qabu, warra galfata guddaa abboonni itti dabarsan hogayyuu dhiigaaf lafeen tiksu qabaachuun eebbifamuudha.
#Caayaa_Qeerroo









