ONM-ABO Ebla 16, 2025
Jaleewwan Bilxiginnaa impaayera kufuu ga’e dandammachiisuuf dararaa ulfaataa hawaasa irratti raawwachuu jabeessuun aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Burqaa Waamaa jedhamu keessaa Ebla 13, 2025 dargaggoota maqaan isaanii:
- Daggafaa Baashaa,
- Dinquu Tasgaraa,
- Tuulam Waqgaarii fi
- Habtaamuu Taayyee
jedhaman badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, odeeffannoo kennituuf” jedhuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuun miidhaa qaamaa irraan gahuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Dargaggoonni kunneen badii isaan reebsisu kan hin qabnee fi sababa tokko malee rifeensa isaanii irraa haaduun bilbila sadan isaanii irraa saamanii kan gadi dhiisan ta’uun baramee jira.
Kana malees, ganduma sana keessaa bakka amantoonni itti waaqeffatan waldaatti itti dhaquun dhukaasa irratti bananii hawaasa tamsaasuun hojii shororkeessaa hojjechuun ibsamee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran wal gurmeessanii ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname guutanii gammachiisuuf nama siyaasa tokkollee hin hordofne maqaa adda addaa itti maxxansanii hiraarsuu hammeessanii jiru.

