ONM-ABO Ebla 14, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo gandoota garaa garaa keessatti torbee darbe irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni raayyaa ittisa impaayerittii kaadiroota isaanii waliin ta’uun uummata nagaa badii tokko malee hidhuun qarshii 10,000 hanga 30,000’tti gaafachaa akka jiran’tu himama.
Bifuma kanaan ganda Aannootti namoonni nagaan hidhamanii maallaqa gafatamanis:
- Barsiisaa Margaa Amantee,
- Barsiisaa Dirribaa Waaqumaa,
- Barsiisaa Biraanuu Namoomsaa,
- Obbo Geetuu Jabeessaa fi
kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramin hedduun keessa akka jiran beekameera.
Kana malees maatii qabsaa’otaa kan ta’an:
- Obbo Darajjee Abdannaa loon sadii jalaa saamanii isa dabalatee namoota maqaan isaanii,
- Obbo Shibbiruu Dhaabaa fi
- Obbo Bokoree Qana’aa
kanneen jedhaman sababa ilmaan isaanii miseensota WBO ta’an qofaaf yakkanii akka hidhan addeeffameera.

