ONM-ABO Ebla 14, 2025
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo Araddaa Haroo Jibrii jedhamu keessatti loltoonni maafiyaan PP Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun gara maatii qabsaa’otaatti deebi’anii dararaa jiran Ebla 7, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Ammaddiin Baalee fi
- Obbo Ahimad Rashaad
jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, araddaalee aanichaa garaa garaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun hawaasa Oromoo saamanii faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachaa kan turan ammallee ittuma fufuun, maqaa “lukkuu binna” jedhuun nama tokko irraa qarshii 1,250 dirqamaan guuraa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan hawaasa irratti raawwatamaa jiru garmalee yaaddessaa ta’uun himamee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa dadhabbii dinagdee isaanii of irratti baruun, hoggaa biyyoonni alaa deggersa duraan impaayerattiif gochaa turan irraa dhaaban dinagdee hawaasa Oromoo quucarsuuf saamicha geggeessanii rakkoo dinagdee impaayerattii mudate furuuf tattaafataa jiru.



