• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessaa miseensonni waraana impaayerattii 2 gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 14, 2025 

Ebla 11, 2025 waraanni raayyaa ittisa impaayerittii kan sabaan Oromoo ta’an 2 aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Wal-qixxee mooraa waraana sirnichaa Shaakaa jedhamu irraa qawwee AKM 2, rasaasa kilaashii 290 fi boombii harkaa 4 mooraa diinaa keessaa baasuun galii moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof taasisanii jiru.

Waraanni impaayerattii duraanii WBO’tti harka kennatan kunneenis simannaa taasifameefitti hedduu akka gammadan ibsuun, dhuma irrattis warreen ammallee itti fakkaatee osoo hin beekin meeshaa diinaa baachaa jiraniin “du’a seenaa hin qabne hin du’inaatii saba kamiyyuu yoo taatan WBO naannoo jirtan keessa socho’u quunnamaatii harka kennadhaa baroota keessan hafan jireenya mataa keessanii jiraadhaa” jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading