• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni maafiyaan PP saamicha qabeenyaa fi namoota ukkaamsuu hammeessan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Maxxaarrii bakka addaa Naannoo jedhamtu keessatti waraanni faashistii PP Ebla 15, 2025 nama maqaan ishee Aadde Tsihoon Abarraa jedhamtu jalaa loon 19 saamuun ooffatanii deemuun barameera. 

Kana malees aanaadhuma kana ganda Beengu’aa bakka addaa Abbaa Bakuu jedhamtu keessatti Ebla 16, 2025 nama maqaan isaa Obbo Tolaa Ittaanaa jedhamu jalaa loon 12 fi re’ee 2 ooffachuun daa’imman 2 kanneen maqaan isaanii Jiraataa Tolaa umuriin isaa 12 kan ta’ee fi Milkeessaa Tolaa umuriin isaa 10 kan ta’e ukkaamsuun fuudhanii deemuu maddeen keenya ONM’tti himan.

Murni Bilxigginnaa waggaa torba guutuu ilmaan Oromoo ajjeesuu, ukkaamsuu, hidhuu, gudeeduu fi qabeenyaa saamuu tarsiimoo siyaasaa godhatee ittiin uummaticha jilbeefachisuuf yaalus ittuu qabsicha jabeesse malee jijjiirama biroo akka hin fidne argamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading