• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Dibaax keessatti waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 14, 2025 

Godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Giiphoo bakka addaa Coqorsa jedhamu keessaa Ebla 10, 2025 ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Taaddee Adimaasuu jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatii ukkaamsanii reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Haaluma wal fakkaatuun, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Caancoo bakka addaa Geeshee jedhamu keessaas namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Abarraa Dureessaa,
  2. Aadde Suufaa Bayyanaa fi intala isaanii
  3. Shamarree Saaraa Abarraa badii tokko malee qabanii hidhanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Namoonni kunneen badii seeraa tokkollee kan hin hojjennee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.

Impaayera bututtuu Itiyoophiyaa Minilikiin ijaaramte tiksuuf jecha uummata Oromoo akka bineensaatti adamsaa kan oolan ergamtoonni Koloneel Abiy Ahimed, kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti sabboontota ilmaan Oromoo sobaan yakkanii hidhaatti darbachuu hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading