ONM-ABO Ebla 18, 2025
Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Migir jedhamu keessaa Ebla 15, 2025 dargaggoo Raggaasaa Lataa jedhamuu fi kan biroo maqaan isaa adda hin baane tokko ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, gandichuma keessaa guyyaadhuma kana dargaggoota kanneen waliin ukkaamfamuun hidhaatti darbatamee kan ture, nama maqaan isaa Obbo Addunyee Warqinaa jedhamu ammoo turtii guyyaa tokkoo booda Ebla 16, 2025 mana hidhaa irraa baasuun aanichuma ganda Qalaatee jedhamu geessanii rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda reeffa isaas maatii dhowwachuun bineensa nyaachisanii jiraachuu maddeen itti dabaluun gabaasan.
Dargaggoonni mana hidhaa keessatti dararamaa jiran kunneenii fi abbaan maatii ajjeefame kun siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’an, loltoonni Bilxiginnaa kunneen tarkaanfii yeroo darbe WBO’n naannicha keessatti isaan irratti fudhateen hedduu miidhamuu irraan kan ka’e hawaasa meesha maleeyyii kanneenitti haaloo ba’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Hololuu malee loluun kan irraa hin tolle gara jabeeyyiin ergamtoota murna Bilxiginnaa, Waraana Bilisummaa Oromoo lolanii injifachuun oggaa isaanitti ulfaatu gara meesha maleeyyii ilmaan Oromootti deebi’uun duula duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.



