• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti qonnaan bulaan tokko loltoota Bilxiginnaan ajjeeffame

Apr 18, 2025

ONM-ABO Ebla 18, 2025 

Jiraataa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu bakka addaa Baddeessoo kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Birraatuu Dinagdee jedhamu loltoonni gara laafina tokko illee ilmaan Oromoof hin qabne Ebla 15, 2025 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Qonnaan bulaan kun siyaasa hordofu tokkollee kan hin qabnee fi badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhamee akka ajjeefame jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru. 

Obbo Birraatuun maanguddoo ganna 61 kan ta’ee fi abbaa ijoollee ja’aa yoo ta’u, ganda Amuumaa Alaltuu jedhamu irraa qabamee gara ganda Amuumaa Goorgisiitti geeffamuun naannoo sa’atii 5:40’tti loltoota gara jabeeyyii Bilxiginnaan ajjeeffamee gatamuun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading