~ Warri Ulaa Injifannootti Afaan Cufatee Akka Waan Aantummaa Qabuu Wareegama Qofa Soqee Lallabu Abukaattoo Impaayeraati!
~ Qabsoo bilisummaa Oromoo takka gaafa Injifannoo ho’ee ammoo gaaf hamtuun mudattu kan qorru miti. Mararsiifattoonni qabsoo bilisummaa Oromoos kana sirriitti gadi fageessanii beeku. Warri guyyaa injifannootti injifannoo boonsaa gootichi gonfatu waakkataa guyyaa rakkootti madaafi miidhama waraanichaa soquun akka waan miidhama waraanichaa dhukkuffataniitti garaa duuba miidiyaa hawaasaan gadi ba’anii oduu ammee lallaban cichoominaaf jabina gooticha WBO, ukkaamsuu warra shaakale; utubdoota Impaayeraati.
~ Itoophiyaanistoonni impaayeera dulloomte suphanii waanjoo harqoota gabrummaa ganna 160 uummata Oromootti uddeeluuf abjootan, injifannoo gooticha WBO, gabaasuu caalaa miidhamaaf rakkoo waraanicha mudatu tiriikaan barbaadanii dubbachuun mootummaa abbaa irree garaa gahuutti gammadu. Qabsoo Bilisummaa Oromoo gootichi galiin gahuutti jiru hadheeffatee warri mormu gocha wal fakkaataa seenaan hindaganne kan kaleessa raawwatan sana aguuguuf har’illee rafanii bulaa hin jiran.
~ Maarree! Uummanni qaalii Oromoofi mararsiifattoonni qabsoo bilisummaa gochaaf badii qaamni muraasni murna Impaayeraa gammachiisuuf raawwatu kamuu hubannaan sakatta’ee dubbii inaaffaa gareen faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo raawwatu irratti dammaquun xurree qabsoo bilisummaa Oromoo dhiigaaf lafee jaallan qaqqaaliin tattaraaramte tti xumura tolchuun dirqama.
~ Warri jabinaaf cichoomina waraanichaa arguu jibba injifannoo ukkaamsuun miidhama qofarratti xiyyeeffachuun bololaa oolan, bololaa ooluu isaanii malee qabsoo bilisummaa Oromootti gaaza cobsaa jiraachuu ofii quba hinqaban.
Injifannoon Uummata Oromoof!
