ONM-ABO Ebla 23, 2025
Jaleewwan PP akkuma hawaasaaf gara laafina tokko hin qabne, maatii isaaniittis garaa jabaachuun, bulchiinsa magaalaa Naqamtee bakka Soorgaa jedhamutti torban darbe keessa milishaan PP maqaan isaa Taayyee jedhamu intala isaa haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himan.
Milishaan Bilxiginnaa kun kana duras ilma isaa ajjeesee hin hidhamin yoo hafu, gara laafina tokko malee dabalataanis intala isaa irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuus jiraattonni dubbatu.
Gochi milishoota sirna Bilxiginnaa kanaas irra deddeebiin Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti jabaatee itti fufee kan jiru oggaa ta’u, miidhaa fi dabni uummata Oromoo irratti loltoonni fi lukkeeleen Bilxiginnaa adeemsisaa jiranis daranuu yaaddessaa ta’uun kan beekamuudha.

