• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti milishoonni PP alkoolii dhuganii machaa’uun walii isaaniitti dhukaasa bananiin milishaan 1 yoo du’u, hawaasni nagaan 2 ammoo madaa’uun dhaga’ame

Apr 24, 2025

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Ebla 20, 2025 aanaa Liiban Jaawwii ganda Masaraa Caancadduu bakka addaa Godoraa jedhamutti milishoonni PP alkoolii humnaa ol dhuganii machaa’uun gareedhaan wal qoodanii bakka hawaasni hedduun jirutti dhukaasa waliitti bananiin milishaan 1 battalumatti lubbuun yoo darbu, hawaasni nagaan 2 tokko harkarra, tokko ammoo miilla isaa irra rasaasaan madaa’uun yeroo ammaa mana yaalaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni madaa’an kunneen;

  1. Saamu’eel Shallamaa fi
  2. Biraanuu Shallamaa 

kanneen jedhaman yoo ta’an, Biraanuun dhalataa ganda Alaltuu Hirkoo kan ta’ee fi dhimma dhuunfaa isaatiif bakka dhukaasni kun itti baname akka tures maddeen eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, gochi akkasii kanneen naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisne waraana sirnichaa gidduutti irra deddeebiin kan mul’atu yoo ta’u, wal dhabdee gidduu isaaniitti mudatuunis miidhamaa kan oolu hawaasa nagaadha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading