• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota hedduu ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun, dubartoota irratti gudeeddaa raawwatan

Apr 26, 2025

ONM-ABO Ebla 25, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Horoo jedhamu keessaa loltoonni Bilxiginnaa Ebla 21, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Shariif jedhamu garmalee reebuun, mana jalaa cabsanii qarshii 20,000 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Ganduma sana keessaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu sababeefachuun qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Jamaal Ahimad,
  2. Turee Adamee,
  3. Ibraahim Muusaa,
  4. Jawaar Ibroo 

kanneen jedhamanii fi qonnaan bultoota baay’inaan 10 ta’an ukkaamsuun hanga ammaatti achi buutee dhabamsiisanii jiraachuun himamee jira.

Guyyaadhuma sana loltoonni naamusa hin qabne kunneen “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabdu jechuun dubartoota maqaan isaanii Rafiiqaa Muummee fi Feeruzaa Muummee jedhaman erga qabanii booda, halkan da’eeffachuun ganda Hordaa Ambaltaa geessanii mana barumsaa Ambaltaa jedhamu keessatti humnaan qabanii gudeeduu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading