• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jibaat keessatti loltoonni Bilxiginnaa nama nagaa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun reeffa isaas maatii dhowwatan

Apr 26, 2025

ONM-ABO Ebla 25, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Jibaat ganda Gaamoo Jibaat bakka addaa Xamboo jedhamee waamamu keessaa Ebla 19, 2025 nama maqaan isaa Abarraa Alamaayyoo jedhamu waraanni impaayerattii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Abarraan siyaasa kam irraa walaba yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo Oromummaa isaa qofaaf yakkuun erga ajjeesanii booda reeffa isaallee hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti maatii dhowwatanii “bineensi haa nyaatu” jechuun bosonuma naannoo mooraan waraana sirnichaa jiru keessatti gatanii eegaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Garaa isaanii guuttachuu fi dantaa nam-tokkee eeguuf jecha dhiiga namoota nagaa gara laafina tokko malee dhangalaasaa kan oolan waraanni maafiyaan PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii raawwatan haala duraan barameen olitti cimsanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading