• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu akkaan cimsanii itti fufan 

Apr 26, 2025

ONM-ABO Ebla 25, 2025 

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Diinaa Qoocee jedhamu irraa torban darbe keessa loltoonni faashistii PP “Waraana Bilisummaa Oromoo soortan” jechuun jiraattota gandichaa cufa irraa dirqamaan Buna callaa fi qarshii hedduu saamanii walitti qabachuun konkolaataadhaan fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa ergamtoota sirnichaan guyyuu sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatus daran jabaatee itti fufee jiraachuu itti dabaluun eeranii jiru.

Yeroo mara uummata Oromootti daba malee gaarummaa yaadaniifii kan hin beekne ergamtoonni murna Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti hawaasa nagaa sobaan yakkuun miidhaa ulfaataa irratti raawwachaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading