ONM-ABO Ebla 25, 2025
Ebla 24, 2025 aanaa Bulan ganda Saayidoo keessatti waraanni goolessaan sirnichaa lola WBO’n irratti baneen kasaaraa lubbuu fi meeshaa waraanaa isaan mudate haaloo ba’uuf jecha qe’ee uummata nagaatti duuluun manneen jiraattotaa jumlaan gubuu fi namoota 7 irratti ajjeechaa raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
- Obbo Asaffaa Fay’isaa,
- Margaa Lammii,
- Boggaalee Fidaa,
- Gannoo Kuusaa,
- Abbuu Abdiisaa,
- Obbo Gammachuu Fayisaa nama umurii 60 fi
- Obbo Argataa Galataa kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni ONM’tti himan.
Kana malees namootni waraanni faashistii PP kunneen manneen isaanii qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun jalaa barbadeessan maqaan isaanii:
- Obbo Shaambal Garbaa,
- Obbo Dassaalee Shaambal,
- Obbo Faqqadaa Shaambal,
- Obbo Kaffaalee Shaambal,
- Obbo Yaadataa Garbaa,
- Obbo Birraatuu Yaadataa,
- Obbo Jaamaraa Yaadataa,
- Obbo Qunaacee Yaadataa,
- Obbo Tasfaayee Gamulaa,
- Obbo Namoomsaa Gabayyoo,
- Obbo Dirribaa Shaambal,
- Obbo Asaffaa Fayisaa,
- Obbo Gabayyoo Bayyanee,
- Obbo Margaa Lammii fi
- Obbo Waaqtolee Margaa kanneen jedhaman ta’uun ibsameera.
Goolessitoonni murna PP kunneen irra deddeebiin goleelee Oromiyaa keessatti tarkaanfii gootichi sabaa WBO’n irratti fudhatuun miidhaa jabaan oggaa isaan irra ga’u loltuu isaan ajjeese dirree lolaa irratti dheessuun faallaa isaa ammoo uummata meesha maleessa sababa Oromummaa isaanii qofaaf qe’ee isaaniitti itti dhaquun mana keessaa gad baasanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu, gudeeduu fi qabeenyaaf manneen ilmaan Oromoo gubanii barbadeessaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.


