ONM-ABO Ebla 27, 2025
Ergamtoonni murna Bilxiginnaa Oromummaa isaa qofaaf uummata Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa oolan, Ebla 24, 2025 aanaa Muneessaa ganda Gujichaa keessatti haleellaa WBO’n irratti taasise haaloo ba’uuf jecha maanguddoo maqaan isaanii Obbo Furoo Bulchaa jedhaman osoo isaan gara ooyiruu isaanii imalaa jiranii daandii gubbaatti yakka tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti namni kun magaalaa jiraachaa kan ture oggaa ta’u, garuu sababa ooyiruu baadiyyaa qabuuf jecha garas kan deeme akka ta’ee fi yeroo tokkoof lafa WBO’n jiru nama dhaqee hin beekne ta’us faashitoonni kunneen tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhateen miidhaa jabaan waan isaan mudateef Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun akka ajjeesan dabaluun ifoomsanii jiru.
Tarkaanfii lolaa jajjabeen loltuu bilisummaa Oromoo irratti fudhatuun harcaatii lubbuu waraanaa fi meeshaa lolaa isaan irra ga’e haaloo ba’achuuf jecha jaleewwan murna PP guutuu Oromiyaa keessatti qe’ee uummata nagaatti duuluun yakkoota gara jabinaa fi duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiran yoo ta’u Kamisa darbe Matakkal aanaa Bulanitti namoota 7 ajjeesuun manneen 15 gubuun ni yaadatama.

