• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Siraarootti saamichi ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “deggersa Raayyaa Ittisa Impaayerattiif” jiraattota hunda irraa dirqamaan qarshii 500 guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, sababa jaleewwan Bilxiginnaa yeroo yeroon kaffaltii gosa adda addaa nagahee hin qabne gaafataniif waan fidanii kaffalan dhabuun rakkoo hamaa argaa jiraachuu dubbatu.

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf dhama’aa jiran kunneen namoota waan kaffalan dhaban reebuu, saamuu, hidhuu fi dararaa fedhan irratti raawwachuun hawaasa jireenya harkaa gara afaanii qofa malee waa kuufaatee hin qabne dararuun qarshii guurrataa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading