• Sat. Mar 21st, 2026

Huutiin Yaman magaalaa Sana’aa keessatti haleellaa Ameerikaan raawwatteen namootni 2 ajjeeffaman

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Miidiyaaleen Huutii Dilbata akka jedhanitti, halkan tokkotti magaalaa guddoo Yaman Sana’aa irratti haleellaa Ameerikaan raawwatteen  namoota lama du’uun hedduun madaa’eera.

“Ameerikaan diina ishee mana tokko irratti xiyyeeffachuun erga haleeltee booda namoonni lama ajjeefamaniiru, kan biraa ammoo” naannoo Kibba Sana’aa keessatti argamutti akka ta’e dhaabbati oduu garee Iraaniin deggaramu Sabaan ibseera.

“Dubartii lamaa fi daa’imman sadii dabalatee, haleellaa Ameerikaan naannoo mana jireenyaa Lixa Al-Rawda keessatti argamutti taasistee miidhamaniiru,” jechuun  maddi tokko ibseera.

Huutiin, qaama “garee mormii” kan Israa’elii fi Ameerikaa irratti, yeroo Waraana Israa’elii fi Hamas akka ittisa Gaazaatti of mul’isanii turan.

Yeroo hunda Israa’elitti fi dooniiwwan fe’umsaa daandii daldala galaana diimaa ijoo ta’e irra deeman irratti misaa’elootaa fi diroonii haleeluu jalqabanii jiru.

Waraanni Ameerikaa ergasii, Amajjii 2024, irraa qabuun haleellaa isaanii dhaabuuf tarkaanfii fudhachaa jira.

Erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp aangoo qabatanii as haleellaan sun cimee kan dhufe yoo ta’u, ji’a darbeef guyyaa guyyaan jechuun ni danda’ama haleellaan kun kan raawwatamaa jiru.

Sanbata darbe Ajajni Waraanaa Ameerikaa naannichaa Centcom, viidiyoo haleellaa xiyyaarotni Ameerikaa Huutii irratti raawwate gadhiisuu Al Arabiyaan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading