• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti murni PP saamicha qabeenyaa fi manneen uummataa gubaa jiraachuun barame

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 29, 2025 

Akka saamichaa fi dantaa isaaf tolutti maqaa garaa garaa moggaasuun sirna dhableeyyii waraana isaa qe’ee uummataatti bobbaasuun dararaa raawwachaa kan jiru murni PP amaloota badii isaa ittuma fufuun aanaa Baatee ganda Jaldeettii keessatti ergamtoonni isaa maqaa sakkattaa WBOn bobbaate manneen uummataa jumlaan gubuu fi akkasumas mancaatii fi saamicha qabeenya hawaasaa irratti raawwatanii jiraachuu maddeen gabaasan.

Onicha keessatti maqaa sakattaa WBOn kan bobbaafaman jaleewwan sirnichaa kallattii WBOn jiru  irraa goruun akka waan Waraanni Bilisummaa Oromoo manneen uummataa keessa jiruutti qe’ee ilmaan Oromootti bobba’uu fi bakka ooyiruu qonnaan bultootaa dhaquun qabeenya achirra jiru guutuu mancaasuun gariin saamanii akka deeman maddeen ONMf eeranii jiru.

Mirgi lubbuun jiraachuu ilmaan Oromoo isa biratti hanga bineensaa kan hin geenye murni Bilxiginnaa, saalfii fi gara laafina tokko malee dararaa hangana hin jedhamne uummata nagaa siyaasa kamiirraayyuu walaba ta’e Oromoo ta’uu isaanii qofaaf gocha badii irratti dalagaa jiraachuu odeessi ONMn dhaqqabaa jiru nii addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading