• Fri. Jan 2nd, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti jaleewwan murna PP’n uummata irratti saamichaa fi hidhaan raawwatame

May 1, 2025

ONM-ABO Caamsaa 1, 2025 

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa uummata nagaa dararuu adeeffatan milishoonni fi kaabinoonni sirnichaa Ebla 29, 2025 aanaa Begii ganda Tuuluu Gundaaraa keessatti uummata hedduu osoo isaan awwaalcha irra jiranii tokkoon tokkoon namootaa irraa kaffaltii gosti isaa hin bekkamneen qarshii 200 irraa guuranii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Oduu hidhaatiin ammoo namoota maqaan isaanii:

  1. Maammadal Fiixaa, 
  2. Yaasin Abdullaahii, 
  3. Toleeraa Fiixee, 
  4. Shukurallaa Idiris,
  5.  Muusaa Suleemaan,
  6.  Abduljaliil Suleemaan fi 
  7. Muusaa Adam 

kanneen jedhaman dabalatee uummata lakkoofsaan hedduu ta’an ukkaamsuun hidhaatti darbachuun ibsame.

Garaa isaanii qofaaf jecha uummata irraa dhalatan humnaa fi qawwee isaaniitti dhimma ba’uun gidiraa adda addaa irraan ga’aa kan jiran gara jabeeyyiin loltoota murna PP goleelee Oromiyaa keessatti guyyaa dhufee darbuun hidhaa, ajjeechaa suukkanneessaa, saamichaa fi rakkoolee garaa garaaf jiraattota saaxilaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading