ONM-ABO Caamsaa 1, 2025
Murni abbaa irree Bilxiginnaa waanan dubbadhe osoo hin raawwanne hin dhiisu jedhuu fi awwalcha osoo hin hafne kaasnee misooma hojjenna jedhu misooma lammiilee fayyadu dhugoomsuun hafee maatii hedduu mana maleessa gochuun kadhaaf saaxiluu fi abdii kutachiisee of ajjeesisuu itti fufee jira.
Murni hiyyeessota jibbuu imaammata isaa godhatee manneen gamoo hin taanee fi maqaa kaartaa hin qabdan jedhu moggaasuun seeraan ala jedhee diigu, ooyiruu qonnaan bultootaa fi manneen misoomaaf barbaanne jedhee fudhatu Bulchiinsa Shaggar Siitii magaalaa Buraayyuu aanaa Beeroo bakka addaa Sangootaa jedhamuun beekamu lafa qonnaan bultootni ooyiruu qonna gannaaf qopheeffatanii fi biqilaa baargamoo qabu hektaata 2.5 humnaan irraa fudhachuu jiraattotni maqaan isaanii akka hin dhaa’amne barbaadan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa magaalaa Buraayyuu fi aanaa Beeroo Ebla 24, 2025 gara bakka Sangootaa jedhamu kana deemuun qonnaan bultoota kanaan guyyoota muraasa keessatti lafa kana gadi dhiistanii akka baatan jechuun akeekachiisan.
Qonnaan Bultootni lafa miidhaan oomishaaf qopheeffanne dhiisnee maaliif deemna! kun seera miti jechuun yeroo didanitti, lukkeeleen kun lafti kun misoomaaf barbaadame, kan mootummaati, lafti dhuunfaa jedhamu hin jiru, maashinoota irra dhaabnee dhagaa caccabsinee daandii ittiin hojjenna, gufuu misoomaa yoo taatan ammoo tarkaanfiin isin eeggatu kan biraadha jedhan.
Qonnaan bultootni kunneen lukkeelee Bilxiginnaa namoota qawwee qaban waliin dhufan kana sodaachuun akkamiin ammuma ka’aa nuun jettu, lafa keenya irratti qophaa’aa osoo hin jenne, beenyaa tokko malee ka’aa jechuun seera miti yeroo jedhanitti, ergamtootni PP guyyoota muraasa gidduutti hin kaatan taanaan nutuu isin kaasna jechuun deeman.
Guyyaa itti aanu Ebla 25 fi 26, 2025 maashinoota dhagaa baasan, fe’anii fi caccabsan bakkichatti geessuun ooyiruu qonnaan bultootaa irra yeroo dhaaban, qonnaan bultootni abdii jireenyaa kutachuun jara waliin fincilatti galan.
Maatii hundi naannoo sana qubatanii jiran lafa sana irraa hin kaanu yeroo jedhanitti milishootni qonnaan bultoota kana reebuun miidhaa irraan yoo ga’an, tokko ammoo aariin of ajjeeste.
Hokkora lukkeelee Bilxiginnaa waliin seenaniin furmaata erga dhabaniin booda, Ebla 27, 2025 haati warraa qonnaan bulaa Lammeechaa Yaadataa Aadde Dinqii Birruu of ajjeesuun barameera.
Namootni lafti isaanii jalaa fuudhame kunneen maqaan isaanii:
- Obbo Baqqaanaa Dhaabaa lafa qonnaa sangaa lama,
- Obbo Girmaa dhaabaa lafa sangaa lama,
- Asaffaa Lammeechaa lafa qonnaa fi baargamoo,
- Aadde Abarruu lammeechaa lafaaf baargamoo,
- Aadde Dammituu Lammeechaa Lafaa fi baargamoo,
- Obbo Taarikuu Sabbooqaa lafa qonnaa ta’uun barameera.
Naannoodhuma Sangootaa kanatti lafa hektaara 3 kan namoota 212 biqiltuun baargamoo irra jiru beenyaa tokko malee akka irraa fuudhan qonnaan bultoota sana beeksisuun himameera.
Murni faashistii PP aanaa Aqaaqii ganda Abbuu Seeraa fi godina Booranaa keessatti ammoo maqaa buufata xiyyaaraan beenyaa tokko malee lafa isaanii irraa kaasuun warreen gaaffii mirgaa dhiyeessan yoo hidhu, warri fala dhaban ammoo of ajjeesuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.









